Faarfannaa. 115. Nuuf miti; yaa Waaqayyo, nuuf miti; garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii maqaa keetiif ulfina kenni. Saboonni maaliif, “Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu? Waaqni keenya samii keessa jira; inni waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta. Waaqonni isaanii tolfamoon garuu meetii fi warqee harka namaatiin hojjetamanii dha. Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan; gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan; harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan; miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan; laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman. Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu. Yaa mana Israaʼel, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti. Yaa mana Aroon, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti. Isin warri isa sodaattan, Waaqayyoon amanadhaa; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti. Waaqayyo nu yaadata; nu eebbisas; inni mana Israaʼel ni eebbisa; mana Aroonis ni eebbisa; inni warra Waaqayyoon sodaatan, xinnaas guddaas ni eebbisa. Waaqayyo, isinii fi ijoollee keessan haa baayʼisu. Waaqayyo samii fi lafa Uume sun isin haa eebbisu. Samiin samiiwwanii oliis kan Waaqayyoo ti; lafa garuu inni namaaf kenneera. Warri duʼan yookaan warri gara iddoo calʼisanitti gad buʼan Waaqayyoon galateeffachuu hin dandaʼan; nu garuu ammaa jalqabnee bara baraan Waaqayyoon ni eebbifna. Haalleluuyaa.