Faarfannaa. 136. Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii. Waaqa waaqotaatiif galata galchaa. Gooftaa Gooftotaatiif galata galchaa: inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjeta; inni ogummaa isaatiin samiiwwan uume; inni bishaanota irratti lafa diriirse; inni ifa gurguddaa hojjete; inni akka biiftuun guyyaa mootu godhe; inni akka jiʼii fi urjiiwwan halkan moʼan godhe; inni hangafa Gibxi dhaʼe; inni isaan gidduudhaa Israaʼelin baase; harka jabaa fi irree diriiraadhaan Israaʼelin baase; inni Galaana Diimaa iddoo lamatti gargarii qoode; inni galaana gidduudhaan Israaʼelin dabarse; Faraʼoonii fi loltoota isaa garuu Galaana Diimaatti naqe; inni saba ofii isaa gammoojjii keessa geggeesse; inni mootota gurguddaa dhaʼe; inni mootota jajjaboo fixe; inni Sihoon mootii Amoorotaa ajjeese; inni Oogi mootii Baashaan ajjeese; inni biyya isaanii dhaala godhee kenne; dhaala godhee garbicha isaa Israaʼeliif kenne; Inni yeroo nu gad deebinetti nu yaadate; inni harka diinota keenyaatii nu baase, inni uumama hundaaf soora kenna; Waaqa samiitiif galata galchaa.