Fakkeenya. 10. Fakkeenyawwan Solomoon: Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa; ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa. Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu; qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa. Waaqayyo akka warri qajeelaan beelaʼan hin eeyyamu; hawwii jalʼootaa garuu ni busheessa. Harki hojii hin hojjenne nama hiyyoomsa; harki jabaatee hojii hojjetu garuu nama sooromsa. Namni yeroo bonaa midhaan walitti qabatu ilma ogeessa; kan yeroo midhaan galfamutti rafu immoo ilma nama qaanessuu dha. Eebbi mataa qajeeltotaatti gonfoo kaaʼa; afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa. Yaadannoon nama qajeelaa eebba taʼa; maqaan nama hamaa garuu lafa irraa bada. Namni garaa isaatti ogeessa taʼe ajaja fudhata; gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada. Namni amanamaan sodaa malee deema; kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama. Namni ija hamminaatiin waa namaan jedhu rakkoo uuma; gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada. Afaan nama qajeelaa burqaa jireenyaa ti; afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa. Jibbi lola kakaasa; jaalalli garuu balleessaa hunda haguuga. Ogummaan hidhii nama waa hubatuu irratti argamti; uleen immoo dirra nama hubannaa hin qabnee irra buʼa. Namoonni ogeeyyiin beekumsa kuufatu; afaan gowwaa garuu badiisa waama. Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; hiyyummaan garuu badiisa hiyyeeyyii ti. Mindaan qajeeltotaa jireenya; galiin hamootaa garuu cubbuu fi duʼa. Namni gorsa fudhatu karaa jireenyaa irra deema; namni adaba didu kam iyyuu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa. Namni hidhii sobuun jibba dhokfatu, kan maqaa namaa balleessus gowwaa dha. Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu; namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa. Arrabni nama qajeelaa meetii filatamaa dha; garaan nama hamaa garuu faayidaa xinnoo qaba. Arrabni nama qajeelaa nama hedduu soora; gowwoonni garuu hubannaa dhabiisaan duʼu. Eebbi Waaqayyoo nama sooromsa; inni rakkina tokko illee itti hin dabalu. Gowwaan amala hamaadhaan gammachuu argata; namni waa hubatu garuu ogummaatti gammada. Wanni namni hamaan sodaatu isumatti dhufa; hawwiin nama qajeelaa immoo ni guutamaaf. Yeroo bubbeen hamaan bubbisu namoonni hamoon ni badu; qajeeltonni garuu bara baraan jabaatanii jiraatu. Akkuma wanni dhangaggaaʼaan ilkaan miidhee, aarris ija miidhu sana namni dhibaaʼaan warra isa ergatu miidha. Waaqayyoon sodaachuun bara jireenya namaa dheeressa; umuriin nama hamaa garuu ni gabaabbata. Abdiin nama qajeelaa gammachuu taʼa; wanni namni hamaan eeggatu garuu ni bada. Karaan Waaqayyoo nama qajeelaaf daʼoo dha; nama jalʼaaf garuu badiisa. Qajeeltonni yoom iyyuu hin fonqolfaman; hamoonni garuu lafa irratti hin hafan. Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata; arrabni jalʼaan garuu ni kutama. Arrabni nama qajeelaa waan fudhatama qabu dubbata; afaan nama hamaa garuu waan jalʼaa qofa dubbata.